Aangoo fi Gahee Waajjirichaa

Aangoo fi Gahee Waajjirichaa
Aangoo fi gaheen Biiroo Komunikeeshinii Oromiyaa Labsii Qaamolee Raawwachiiftuu Naannoo Oromiyaa Irra Deebiin Gurmeessuu Lakk 242/2 keewwata 31 jalatti ibsameera
=> Giddugala odeeffannoo naannoo ta’ee ni tajaajila; hojii odeeffannoo mootummaa naannichaa ni qindeessa; ni bulcha; ni geggeessa;
=> Dhimmoota yaaddoo mootummaa ta’an irratti ibsa ejjennoo mootummaa qopheessuun iftoomina barbaadu, taateewwan naannoo fi biyyaalessaa, balaawwan ariifachiisaa, ayyaana biyyaalessaa fi naannoowwanii fi karaa miidiyaalee adda addaatiin akka tamsa’an ni taasisa; dubbi himaa mootummaa ta’uun ni tajaajilu;
=> Hojiiwwan komunikeeshinii mootummaa seektaroota mootummaa fi dhaabbilee misooma mootummaa keessatti ni qindeessa; ni hordofa; gabaasa dhiyaate ni xiinxala; deeggarsa barbaachisu ni kenna;
=> Hoggantoota komunikeeshinii fi miidiyaa mootummaa fi ogeessota imaammata, tarsiimoo fi dandeettii komunikeeshinii irratti leenjii kennuudhaan aangoo raawwachiisummaa isaanii cimsuu; bu’aa leenjichaa madaaluun sirreeffama ni taasisa;
=> Maqaa gaarii naannichaa fi tumsa biyyaalessaa ijaaruuf sagantaa qopheessuu; ni qindeessa; ni beeksisa; sagantaaleen miidiyaa dhimma kana irratti xiyyeeffatan akka qophaa’anii fi tamsa’an ni taasisa;
=> Haala fi yeroo irratti hundaa’uun hojii komunikeeshinii mootummaa fi miidiyaan hojjetamuu qabu irratti ajandaa ni boca; raawwii isaanii ni hordofa; yaadaafi kallattii ni kenna;
=> Duula miidiyaa gaggeessuun dhimmoota yaaddoo mootummaa ta’an irratti ummata hubannoo uumuu; raawwii isaa ni hordofa; yaada kennuu;
=> Ajandaawwan mootummaa ijoo irratti iftoomina uumuuf ibsa gaazexeessummaa ni kenna;
=> Raawwii hojii mootummaa fakkeenyummaa qabu guddisuuf agarsiisa suuraa ni qopheessa; ni daawwata;
=> Dhimmoota mootummaa tarsiimoo irratti qorannoo yaada ummataa gaggeessuu fi kominikeeshinii irratti ni hojjeta; miidiyaan akka irratti hojjatu ni taasisa;
=> Yaada fi gaaffii ummataa kallattii adda addaatiin walitti qabuu; ni xiinxala; qunnamtii irratti hojjechuu; damee dhimmi ilaallatu keessatti iftoomina akka jiraatu ni taasisa;
=> Haala yeroo fi haala muddamaa hordofuu; qunnamtii fi miidiyaa irratti iftoomina uumuu;
=> Ergaa mootummaa qorannoo irratti hundaa’e ni naanna’a; ummata beeksisuu;
=> Waltajjiiwwan marii ummataa ni qopheessa; yaada ni walitti qaba; hojii qunnamtii ni raawwata;
=> Miidiyaa elektirooniksii fi maxxansaa biyya keessaa fi alaa xiinxala; olola farra irratti hojjeta;
=> Gabaasaa fi odeeffannoo dogoggoraa miidiyaa hawaasaatiin tamsa’u hordofuu; ni xiinxala; akka barbaachisummaa isaatti olola farra irratti ni hojjeta; miseensota miidiyaa hawaasaas ni qacara;
=> Oduu mootummaa sadarkaa aanaa fi magaalaa qopheessuun miidiyaadhaan akka tamsa’u ni taasisa;
=> Daataa suuraa-sagalee karoora mootummaa, raawwii hojii fi bu’aa guutuu naannichaa irratti ni qindeessa; kaffaltii waliinis ta’e osoo hin kaffalamiin qaama gaafateef ragaa ni kenna;
=> Milkaa’ina imaammata, tarsiimoo fi karoora mootummaa irratti muuxannoowwan gaggaarii ni qindeessa; sagantaa muuxannoo waljijjiirraa ni qopheessa; dokumeentii fiilmii miidiyaadhaan akka tamsa’u ni qopheessa;
=> Bu’aa maxxansaa karooraa fi raawwii mootummaa gurguddoo kanneen akka Gaazexaa, kitaaba waggaa, birooshura fi maxxansa biroo irratti ni qopheessa; ni maxxansa, ni raabsa ykn ni gurgura;
=> Gaazexaa Kallacha Oromiyaa fi maxxansa biroo keessatti tajaajila beeksisa ni kenna; tajaajilaaf gatii madaalawaa kaffalu; mootummaaf galii ni maddisiisa;
=> Naannicha keessatti hojiiwwan komunikeeshinii, miidiyaalee akka raadiyoo hawaasaa fi miidiyaa maxxansaa irratti qajeelfama ni kenna; hojiirra oolmaa isaa ni mirkaneessa; raawwii isaa ni hordofa; ni to’ata;
=> Raadiyoo hawaasaa fi mini miidiyaa naannichatti babal’achuun odeeffannoo mootummaa ummataaf akka babal’atu fi manneen hojii mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran karooraa fi raawwii hojii isaanii akka beeksisan haala ni mijeessa;
=> Dhaabbilee miidiyaa maxxansaa daldalaa naannichatti tamsaasaaf hayyama ni kenna; akkaataa seeraatiin hojii isaanii ni hordofa; ni to’ata;
=> Beeksisa alaa naannichatti maxxanfamu ilaalchisee qaama dhimmi ilaallatu waliin istaandaardii ni kenna; iskimicha hojiirra ni oolcha; ni hordofa; ni to’ata;
=> Dhaabbileen beeksisa alaa naannichatti maxxansan hayyama akka qabaatan ni taasisa; beeksisni kun naamusaa fi duudhaa hawaasichaa kan kabaju ta’uu, dogongorri qubee fi caaslugaa Afaan Oromoo akka hin jirree fi akkaataa istaandaardii ba’een maxxanfamuu isaa erga mirkaneessee booda hayyama ni kenna; ni hordofa; bakka hanqinni jirutti ni to’ata, tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata