Oduu Hatattamaa

Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa ibsa, yaadannoo miidiyaa, yaadachiisa, ajandaa qopheessee dhaabbilee miidiyaa fi ummata biratti akka dhaqqabamu taasisa.

“Bara 2016 dinagdeen Naannoo Oromiyaa % 8’n akka guddatu ni eegama” Obbo Hayiluu Addunyaa, Hoogganaa BKO

Finxaalessummaan farra nageenyaati!

Adoolessa 28/2015 Qormaatni biyyooleessaa kutaa 12ffaa marsaa 12ffaa kan saayinsii uumamaa guyyoota 4f kennamaa ture nagayaafi taasgaabiin xumuraamee Jira.

Hogganaan Waajjira Koommunikeeshiinii Magaalaa Maayaa Khabajamoo Obbo Fuaad Jemaal Websaayitii Waajjiricha Hojjachiisan.

itti gaafatamaa waajira paartii badhaadhinaa magaalaa maayaa kabajamoo Obbo Alamaayyoo Taaddasee

“Bara 2016 dinagdeen Naannoo Oromiyaa % 8’n akka guddatu ni eegama” Obbo Hayiluu Addunyaa, Hoogganaa BKO

Finxaalessummaan farra nageenyaati!

Kutaa Magaalaa Haramaayaatti Haala Dambii Paartii Badhaadhinaa fi Qajeelfama Komishini Inispeekshinii Naamuusa irratti hubannoon kenname.

Finxaalessummaan farra nageenyaati!

Mahamad usmaan itti gaafatamaa damee siyaasaa paartii badhaadhina magaalaa maayaa

Diinoo Amiin ..itti aanaa kantiibaa magaalaa maayaa

Mullataa bushra Abrahim itti gaafatamaa damee ijaarsaa Paartii Badhaadhina Maayaati

Dr. Efrah Wazir Piroojeektiiwwan Magaalaa Maayaa Eebbisan.

“Bara 2016 dinagdeen Naannoo Oromiyaa % 8’n akka guddatu ni eegama” Obbo Hayiluu Addunyaa, Hoogganaa BKO

Kaayyoowwan Keenya

Tajaajilli Komunikeeshinii Magaalaa Maayaa kaayyoowwan armaan gadii ni qabaata:
Maayaa

Komunikeeshinii Magaalaa Maayaa

Dubbi himaa mootummaa ta’uu fi sirna odeeffannoo fi qunnamtii tarsiimoo mootummaa irratti gahee adda duree taphachuu;

Komunikeeshinii Magaalaa Maayaa

Imaammata, sagantaa fi karoora mootummaa irratti ajandaa uumuu fi sirna qunnamtii odeeffannoo gahumsa qabu uumuun ummata hunda irratti xiyyeeffachuu fi hirmaannaa ummatootaa guddisuu

Komunikeeshinii Magaalaa Maayaa

Odeeffannoo bu’a qabeessaa fi saffisaan dhangala’uu fi sirna qunnamtii b/n qaamolee mootummaa, miidiyaalee & qooda fudhattoota mirkaneessuu. Ummatootaa fi dameewwan hawaasaa odeeffannoo mootummaa argachuu keessatti carraan walqixxummaa akka uumamu haala ni mijeessa.

Komunikeeshinii Magaalaa Maayaa

Tokkummaa fi waliigaltee sabaa uumuu, jaalala biyyaa guddisuu fi aadaa dimokiraasii cimsuuf imaammataa fi sagantaa mootummaa irratti hundaa’e sirna qunnamtii fi odeeffannoo gahumsaa fi bu’a qabeessa ta’e eeguun hoggansa tarsiimoo kennuu.

Facebook Page of Maya City Communication

Aangoo fi Dirqama keenya

=> Giddugala odeeffannoo naannoo ta’ee ni tajaajila; hojii odeeffannoo mootummaa naannichaa ni qindeessa; ni bulcha; ni geggeessa;

=> Dhimmoota yaaddoo mootummaa ta’an irratti ibsa ejjennoo mootummaa qopheessuun iftoomina, taateewwan naannoo fi biyyaalessaa, balaawwan ariifachiisaa, ayyaana biyyaalessaa fi naannolee barbaaduu fi karaa miidiyaalee adda addaatiin akka tamsa’an ni taasisa; dubbi himaa mootummaa ta’uun ni tajaajilu;
=> Hojiiwwan komunikeeshinii mootummaa seektara mootummaa fi dhaabbilee misooma mootummaa keessatti ni qindeessa; ni hordofa; gabaasa dhiyaate ni xiinxala; deeggarsa barbaachisu ni kenna;
=> Hoggantoota komunikeeshinii fi miidiyaa mootummaa fi ogeessota imaammata, tarsiimoo fi dandeettii kominikeeshinii irratti leenjii kennuudhaan aangoo raawwachiisummaa isaanii cimsuu; bu’aa leenjichaa madaaluun sirreeffama ni taasisa;
=> Maqaa gaarii naannichaa fi tumsa biyyaalessaa ijaaruuf sagantaa qopheessuu; ni qindeessa; ni beeksisa; sagantaaleen miidiyaa dhimma kana irratti xiyyeeffatan akka qophaa’anii fi tamsa’an ni taasisa;

=> Haala fi yeroo irratti hundaa’uun hojii komunikeeshinii mootummaa fi miidiyaan hojjetamuu qabu irratti ajandaa ni boca; raawwii isaanii ni hordofa; yaadaafi kallattii ni kenna;

=> Dhimmoota yaaddoo mootummaa ta’an irratti ummata hubannoo uumuuf duula miidiyaa ni gaggeessa; raawwii isaa ni hordofa; yaada kennuu;

=> Ajandaawwan mootummaa ijoo irratti iftoomina uumuuf ibsa gaazexeessummaa ni kenna;
=> Raawwii hojii mootummaa fakkeenyummaa qabu guddisuuf agarsiisa suuraa ni qopheessa; ni daawwata;
=> Dhimmoota mootummaa tarsiimoo irratti qorannoo yaada ummataa ni gaggeessa, komunikeeshinii irratti ni hojjeta; miidiyaan akka irratti hojjatu ni taasisa;
=> Yaada fi gaaffii ummataa kallattii adda addaatiin walitti qabuu; ni xiinxala; qunnamtii irratti hojjechuu; damee dhimmi ilaallatu keessatti iftoomina akka jiraatu ni taasisa;
=> Haala yeroo fi balaa tasaa ni hordofa; qunnamtii fi miidiyaa irratti iftoomina uumuu;
=> Ergaa mootummaa qorannoo irratti hundaa’e ni naanna’a; ummata beeksisuu;
=> Waltajjiiwwan marii ummataa ni qopheessa; yaada ni walitti qaba; hojii qunnamtii ni raawwata;
=> Miidiyaa elektirooniksii fi maxxansaa biyya keessaa fi alaa ni xiinxala; olola farra irratti hojjeta;
=> Gabaasaa fi odeeffannoo dogoggoraa miidiyaa hawaasaatiin tamsa’u hordofuu; ni xiinxala; akka barbaachisummaa isaatti olola farra irratti ni hojjeta; miseensota miidiyaa hawaasaas ni qacara;
=> Oduu mootummaa sadarkaa aanaa fi magaalatti qopheessuun miidiyaadhaan akka tamsa’u ni taasisa;
=> Daataa suuraa-sagalee karoora mootummaa, raawwii hojii fi bu’aa guutuu naannichaa irratti ni qindeessa; kaffaltii waliinis ta’e osoo hin kaffalamiin qaama gaafateef ragaa ni kenna;

=> Milkaa’ina imaammata, tarsiimoo fi karoora mootummaa irratti muuxannoowwan gaggaarii ni qindeessa; sagantaa muuxannoo waljijjiirraa ni qopheessa; dokumeentii fiilmii miidiyaadhaan akka tamsa’u ni qopheessa;

=> Bu’aa maxxansaa karooraa fi raawwii mootummaa gurguddoo kan akka Gaazexaa, kitaaba waggaa, birooshura fi maxxansa biroo ni qopheessa; ni maxxansa, ni raabsa ykn ni gurgura;
=> Gaazexaa Kallacha Oromiyaa fi maxxansa biroo keessatti tajaajila beeksisa ni kenna; tajaajilaaf gatii madaalawaa kaffalu; mootummaaf galii ni maddisiisa;
=> Qajeelfama hojiiwwan komunikeeshinii, miidiyaalee akka raadiyoo hawaasaa fi miidiyaa maxxansaa naannichatti ni baasa; hojiirra oolmaa isaa ni mirkaneessa; raawwii isaa ni hordofa; ni to’ata;
=> Raadiyoo hawaasaa fi mini miidiyaa naannichatti babal’achuun odeeffannoo mootummaa ummataaf akka babal’atu fi manneen hojii mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran karooraa fi raawwii hojii isaanii akka beeksisan haala ni mijeessa;
=> Dhaabbilee miidiyaa maxxansaa daldalaa naannichatti tamsaasaaf hayyama ni kenna; akkaataa seeraatiin hojii isaanii ni hordofa; ni to’ata;
=> Beeksisa alaa naannichatti maxxanfamu ilaalchisee qaama dhimmi ilaallatu waliin istaandaardii ni kenna; iskimicha hojiirra ni oolcha; ni hordofa; ni to’ata;
=> Dhaabbileen beeksisa alaa naannichatti maxxansan hayyama akka qabaatan ni taasisa; beeksisni kun naamusaa fi duudhaa hawaasichaa kan kabaju ta’uu, dogongorri qubee fi caaslugaa Afaan Oromoo akka hin jirree fi akkaataa istaandaardii ba’een maxxanfamuu isaa erga mirkaneessee booda hayyama ni kenna; ni hordofa; bakka hanqinni jirutti ni to’ata, tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata

Hojiiwwan Gurguudoo

Thanks for subscribed!

Processing...

GET OUR LATEST NEWS