You are currently viewing Finxaalessummaan farra nageenyaati!

Finxaalessummaan farra nageenyaati!

Ilaalchi fi gochi finxaalesummaa gufuu nageenyaa fi misooma biyyaa akkasumas farra waliin jireenya uummataati.

Finxaalessummaan hariiroo obbolummaa fi tokkummaa lammiilee kan diigu, nageenyaafi waliin jireenyaa lammiilee tasgabbii dhorkee biyya diigumsatti kan qajeelchu dhukkuba hamaa ka’umsaa hanga galmaatti fedhii namoota ykn garee tokkoo dhugoomsuu giddu galeessa godhatedha.

Dhibeen finxaalessummaa walitti bu’iinsi akka uumamuuf ka’umsa ta’a. Uummattootaa fi amantaalee gidduutti wal kabajuun hafee, misoomaa fi diinagdeen biyyaatis harkifatee ijaarsi sirna diimokraasii fi imalli badhaadhinaa akka gufatu kan godhu farra jireenyaati.

Ergamni finxaaleeyyii biyya nagaa dhorkuu, carraa argataniinis fedhii isaanii galmaan gahachuuf dhama’uu yemmuu ta’u, tokkummaa, wal qixxummaa fi bilisummaa lammiilee ukkaamsuudhaan heddummina diiganii mul’ata qeenxee isaanii dhugoomsuudha.

Itoophiyaan biyya gaaddisa sabaa fi sablammootaa taatee fi heddummina aadaa, amantaa, eenyummaa fi kanneen gara birootiin miidhagdee daandii jijjiiramaa irratti argamtu waan taateef humnootni finxaaleeyyii imala kana gufachiisuuf kallattii adda addaatiin yemmuu socho’an ni mul’ata.

Badhaadhina hunda galeessa dhugomsuudhaan hiyyummaa seenaa gochuuf imala eegalle galmaan gahuun kan danda’amu tokkummaa fi obbolummaa dhugaa dagaagsuu fi hirmaannaa lammiilee guddisuudhaan waan ta’eef kana fiixaan baasuuf ammo qormaata imalichaa kan ta’e finxaalessummaa irratti tokkummaadhaan qabsaahuu, nageenyaa fi misooma biyyaa irratti adda durummaan hirmaachuun gahee lammii hunda irraa eegamudha.

Leave a Reply