You are currently viewing “Bara 2016 dinagdeen Naannoo Oromiyaa % 8’n akka guddatu ni eegama” Obbo Hayiluu Addunyaa, Hoogganaa BKO

“Bara 2016 dinagdeen Naannoo Oromiyaa % 8’n akka guddatu ni eegama” Obbo Hayiluu Addunyaa, Hoogganaa BKO

Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa karoora Naannichaa bara 2016 ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kenneera. Ibsicha kan kennan Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa Mootummaan Naannoo Oromiyaa guddina hawaas-dinagdee ariifataafi itti fufinsa qabu mirkaneessuuf tarsimoofi karoora misoomaaa, nageenyaafi ijaarsa sirna dimokiraasii bocuun sochii bal’aa taasisaa jiraachuu himaniiru.

Bara baajetaa 2015 dinagdeen naannichaa %7.7 kan guddate yoo ta’u bara 2016 %8’n akka guddatu raagamuu himameera. Kana milkeessuufis tajaajila mootummaa fooyyessuu fi dijitaalessuu, Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa cimsuu, paarkiiwwan induustirii humna guutuun hojiitti galchuu irratti kan hojjetamu ta’uu Obbo Hayiluun ibsaniiru.

Bara baajetichaa hojiiwwan xiyyeeffannoon hojjetaman qaala’insa jireenyaa hir’isuu yoo ta’u kanas oomisha guddisuun garaagarummaa fedhiifi dhiheessii gidduu jiru dhiphisuu akkasumas to’annoo gabaa cimsuun kan hojjetamu ta’uu himameera. Hojiin tajaajila lammummaan waliigalaan qar Biil 125 tti tilmaamamu kan raawwataman ta’uu kan dubbatan Obbo Hayiluun miseensa Buusaa Gonofaa gara mil 17.46tti ol guddisuun buusii miseensummaa qar Biil 3.0 sassaabuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Gama misooma baadiyyaatiin wabii nyaataa mirkaneessuu, al-ergii guddisuu, oomisha alaa galu hambisuufi carraa hojii uumuuf kan hojjetamu yoo ta’u kana milkeessuufis bara oomishaa 2015/16 lafa heekt. Mil. 8.2 midhaan gosa garaagaraa qotuun callaa kunt. mil 265.33 oomishuuf ni hojjetama. Kana keessaas qamadii jallisii lafa hek. mil 2.5 qotuun kunt. mil 100.67, ruuzii lafa hek. mil 1 qotuu oomisha kunt mil 44.2 akkasumas Buna lafa hekt. mil 1.5 irraa oomisha kunt. mil. 11 argachuuf karoorfamuu Obbo Hayiluun kaasaniiru.

Makaanaayizeeshinii qonnaa dabaluuf dhiyeessii Tiraakteraa bara 2011-2015tti 6,178 gara 7,350 tti; paampii bishaanii bara 2012 – 2015tti 45,106 dhihaatee gara 76,000tti guddisuuf ni hojjetama jedhameera. Al-seerummaa naannoo misooma albuudaatti mul’atu to’achuu, qorannoo kuufamaa gaggeessuufi teknoloojii gargaaramuun albuudaa irraa Doolaara 507,125,587 argachuufis karoorfameera.

Misooma Magaalaan walqabatee wabii nyaataa mirkaneessuu, intarpiranarummaa jajjabeessuu, ogummaa dagaagsuufi Tajaajila E-governance babal’isuuf kan hojjetamu yoo ta’u carraawwan invastimentii uumamaniin namoota mil 3.1’f carraan hojii kan uumamu ta’a. Kana keessaas %50 dubartoota akka ta’an ibsameera.

Bara karoorichaa ammayyummaa babal’isuufi dhaloota dorgomaa ta’e ijaaruun galma gama misooma hawaasummaatiin qabame milkeessuuf kan hojjetamu yoo ta’u kanas qulqullina barnootaafi tajaajila fayyaa guddisuun akka ta’e Obbo Hayiluun himaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa fedhii misoomaa uummata naannichaa guutuuf galii naannichaa guddisuuf xiyyeeffannoo guddaan kan hojjetu ta’uu kan ibsan Obbo Hayiluun bara 2016 tti galii naannichaa waliigalaa galii Qr 141,167,642,885 sassaabuuf ni hojjetama jedhaniiru. Akka waliigalaatti, hojiiwwan bara karoorichaa qabaman milkeessuuf ariitii, qulqullinaafi baay’inaan kan hojjetamu akka ta’e ibsameera.

Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc

Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau

Twitter: twitter.com/OromiaBureau

YouTube: https://www.youtube.com/results…

Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/

kallachaOromia: https://m.facebook.com

Leave a Reply