Kantiibaan Magaalaa Maayaa Dr.Ifrahaa Waziir Bara haaraaya 2016 Sababeeffachuun ergaa Baga geessani dabarsaan.

Barri 2016 Bara tokkummaa, jaalalaa, nageenyaa fi Milkii akka isiniif tahuun hawwa. Barri 2016 bara tokkummaan imala badhaadhinaa jalqabame itti milkeessinuufi boqonnaa seenaa haaraa Naannoon teenyaa fi biyyi keenyaa Itoophiyaan galmeessaa jirtuun galma akka geenyuuf tokkummaan cimnee itti hojjanuudha.

Ummanni Magaalaa teenya Magaalaa Maayaas Bara 2016 kana keessa Magaalaan Maayaa Roga Dinaagdee, Siyaasaa fi Hawaasummaan fakkeenyummaa gaarii akka taatuuf Miira tokkummaa fi Jaalalaan gonfateen akka hojjattaan ergaa koo dabarsa.

Ayyaana Bara Haaraaya kana yeroo kabaajnu Kan daare Uwwisaa kan beelawe nyaachiisa Obbolummaan gammachuu waliin qooddachuun akka dabarsaan Dr.Ifrahaan ergaa dabarsaan.
Barri Bara Nageenyaa fi Badhaadhina isiniif haa tahu.

Dr.Ifrahaa Waziir
Kantiibaa Magaalaa Maayaa

Leave a Reply